Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee Ayyaanni Arafaa nagaan akka kabajamu qophii barbaachisu taasiisuu beeksiise

Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee Ayyaanni Arafaa waggaa 1442ffan nagaan akka kabajamu qophii barbaachisu taasiisuu beeksiiseera.
Guyyaa boruu sirna kabaja ayyaannichaa Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti barii sa’aatii 11:00 irraa eegalee gaggeeffamu sababeeffatee daandiwwan tokko tokko tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’uu beeksiiseera.
Haaluma kanaan daandiin Magganaanyaa gara Addabaabayii Masqalaa, Boolee gara Addabaabayii Masqalaa Richee gara Addabaabayii Masqalaa, Xoor Hayiloochii gara Istaadiyeemii, Markaatoo gara Istaadiyeemii, Piyaasaa gara Istaadiyeemii fudhataniif kanniin biroo gara Addabaabayii Masqalaa fi Istaadiyeemii geessan hanga sirnichi xumuramutti kan cufaman ta’uu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.