Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Poolisii Federaalaa Uummata Ityoophiyaa mara galateeffate

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Komishiniin Poolisii Federaalaa Uummata Ityoophiyaa mara galateeffachuu ibsameera.
Komishinichi filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa kaasee ayyaana bara haaraa, Masqalaa, Irreechaa fi sirni kakuu hundeeffama mootummaa haaraa rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramuu hawaasa gumacha taasiise galateeffateera.
Komishinarri komishinichaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel hoggantoota qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun ibsa laataniiru.
Ibsichaan koreen hundaa’ee ture karoora ifaa ta’e baafachuun hojii bu’aa qabeessa ta’e hojjechuu ibsameera.
Taateewwan darban rakkoo tokko malee xumuramuun dhaabbilee gidduutti carraa wal dubbisaa waliin hojjechuu uumuu ibsaniiru.
Carraa garaagaraatiin daandiiwwan cuccufamaniin obsa uummanni agarsiiseef galateeffataniiru.
Miseensonni poolisii fi qaamoleen nageenyaa itti gaafatamummaa isaanii haalaan ba’achuu eeraniiru.
Meeshaaleen teeknooloojii ammayyaa ergamicha keessatti hojiirra ooluu ibsaniiru.
Taateewwan kanneen danquuf garee shororkeessitoota ABUT fi Shanee irraa ergama fudhatanii socho’an Magaalaa Finfinneetti to’annaa jala ooluu himaniiru.
Namoota kanneen harkatti meeshaaleen waraanaa garaagaraa qabamuun dhimmichi qoratamaa jiraachuu fi fuulduratti uummataa ifa kan godhamu ta’uu ibsaniiru.
Misikkir Sinaaffiqiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.