Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Misoomaa Mana Amantaa Kiristiyaanaa Qaala Hiyiwat lammiilee Godina Shawaa Kaabaaf Birrii miiliyoona 23 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC) – Komishiniin Misoomaa Mana Amantaa Kiristiyaanaa Qaala Hiyiwat lammiilee Godina Shawaa Kaabaa sababa waraanaan miidhamaniif Birrii miiliyoona 23 deeggarsa taasiiseera.
Komishinichi Lammiilee sababa waraanaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun magaalaa Mahaal Meedaa qubatanii jiran kuma 22 oliif Birrii miiliyoona 23 deeggarsa taasiiseera.
Daakuu Qamadii, Baaqalaa, Zayita Nyaataa fi nyaata Badhaadhaa Birrii miiliyoona 23tti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu Komishinarri Komishinichaa Dooktar Taffarraa Taalooreen himaniiru.
Komishinich yeroo itti aanuus hojii lammiilee kanneen deebisanii ijaaruu hojjetamurratti qooda isaa kan ba’u ta’uu dubbataniiru.
Girmaa Nasiibuutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.