Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa garee ogeeyyii dhiittaa mirga namoomaa qulqulleessuu fi galmeessuu hundeessuusaa ibse

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa garee ogeeyyii dhiittaa mirga namoomaa qulqulleessuu fi galmeessuu hundeessuusaa ibse.

 

Hokkora ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda uumameen lubbuu namootaa darbee fi miidhaa qabeenyarratti mudate dhiheenyatti hordofaa jiraachuusaa komishinichi ibsa baaseen ibseera.

 

Kanaanis wal qabatee garee ogeeyyii dhiittaa mirga namoomaa qulqulleessuu fi galmeessu gara hojiitti akka seenan gochuusaa fi namoota yakkaan shakkaman yookiin himannaan irratti banamerratti qabiinsi mirga namoomaa ilaalchisee hordofaa jiraachuusaa ibseera.

 

Qorannoon komishinichi taasisu keessaa: gosoota dhiittaa mirga namoomaa adda baasuu, hammasaa beekuu, namoota miidhaa geessisa itti gaafatamtoota godhuu, namoota miidhaman beenyaa akka argatanii fi jireenyasaaniitti akka deebi’an taasisuudha.

 

Akkasumas miidhaa akkasii irra deebiidhaan akka hin mudanneef ittisuurratti akka hojjatu ibsa baaseen ibseera.

 

Hokkora uumameen booda haala namoota shakkamanii hidhaman hordofaa jiraachuusaas ibseera.

 

Dabalataan, mana hidhaa yeroo kan naannoo warshaa killee (inqulaal faabriikaa) jedhamee beekamu komishinichi deemee daawwachuu fi hoggantoota hidhamtootaa dubbisuusaa beeksiseera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.