Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Magaalaa Dirree Dawaatti qaamolee garaagaraa waliin mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa Magaalaa Dirree Dawaatti qaamolee garaagaraa waliin mari’ateera.

Komishinichi abbootii gadaa, abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa magaalichaa waliin mari’achuu ibsameera.

Marichaan hojii komishinichi hojjechaa jiru hubachiisuun fuuldurratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti waliigaltee uumuuf ta’uu Ambaasaaddar Mahaammad Diriir ibsaniiru.

Hojiilee komishinichi hojjetu kan deeggaran ta’uu hirmaattonni marichaa ibsaniiru.

Marichi yeroo itti aanutti waliin hojjechuuf haala mijataa kan uumu ta’uu ibsamuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.