Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Marii Biyyaalessaa bakka bu’oota naannolee sadeenii waliin mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015(FBC)- Koomishiniin Marii Biyyaalessaa bakka bu’oota ummatootaa Naannolee Afaar, Gaambeellaa fi Beenishaangul Gumuz waliin mari’atan.

Maricharratti, Koomishinarri Koomishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeessar Masfiin Ar’ayaa, adeemsa marii biyyaalessaa keessatti sabaa fi sablammoonnii fi naannoleen hunduu akka hirmaataniif hojilee bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mufannaa fi waldhabdee kamiyyuu furuuf Ityoophiyaan duudhaalee hedduu akka qabdu eeruun, milkaa’ina marii biyyaalessaaf hirmaannaan lammiilee hundaa gahee murteessaa akka qabu dubbataniiru.

Koomishinichi Bakka Bu’oota Naannoolee Afaar, Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaa waliin waltajji marii galtee yaadaa walitti qabuu guyyoota lamaaf turu Finfinneetti gaggeessaa jira.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.