Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Ispoortii Oromiyaa Istaadiyeemoota shan ijaarsisuuf ta’uu hime

Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Komishiniin Ispoortii Oromiyaa Istaadiyeemoota shan ijaarsisuuf ta’uu beeksiseera.
Istaadiyeemoonni ijaaraman kunniinis Amboo, Danbii Doolloo, Awwadaay, Haramaayaa fi Salaleetti ta’uu himameera.
Ijaarsa Istaadiyeemoota kanneenif hojiin Dizzaayinii Birrii miiliyoona 2.7’n hojjatamuun guyyaa har’aa wal harkaa fuudhiinsi taasifameera.
Sirna wal harkaa fuudhinsa kanarratti Komishinarri Komishinii Ispoortii Oromiyaa fi itti aanaan Komishinii Ispoortii Oromiyaa obbo Fissahaa Gabramikaa’eel argamaniiru.
Dizaayiniin kunnee haala sadarkaa isaa eeggateen hojjetamuu himameera.
Hojiin ijaarsa Istaadiyeemoota kanneen hirmaannaa ummataa, baajata Mootummaa fi deeggarsa dhaabbilee misoomarraa walitti qabamuun ta’uu ragaan Koomishiinii Ispoortii Oromiyaarraa arganne ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.