Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Ispoortii magaalaa Finfinnee tajaajila lammummaa gannaa hawaasa Ispoortii kuma dhibba 5 hirmaachisu eegalchiise

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Komishiniin Ispoortii magaalaa Finfinnee tajaajila lammummaa gannaa hawaasa Ispoortii kuma dhibba 5 hirmaachisu har’a ifatti eegalchiiseera.

Mata duree ‘ Kenna Tajaajila tola ooltummaa Ispoortiin Magaalaa Finfinnee Ashaaraa Magariisaan miidhagde, namummaan ijaarramte ni uumna’ jedhuun har’a Addabaabayii Masqalaatti eegalameera.

Har’aa eegalamee baatiwwan 3 dhufaniif hawaasa Ispoortii kuma dhibba 5 kan hirmaachisuun tajaajilli lamummaa dhaabbii biqiltuu, deeggarsa namoomaa, manneen maanguddootaa haaromsuun fi hojiileen garaagaraa kan raawwatamu ta’uu komishinarri Komishinii Ispoortii magaalaa Finfinnee Baalay Dajan ibsaniiru.

Sagantaa kanaan biqiltuu kuma dhibba 5 fi kuma 57 dhaabuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Jiraattootta kuma dhibba 2 ol waliin maaddii qooddachuuf karoorfamuus himaniiru.

Hojii Birrii miiliyoona 20 tilmaamamuu fi hawaasa kuma 30 kallattiin fayyadamoo taasiisu hojjecuuf karoorfamuu Komishinar Baalay ibsaniiru.

Sagantaa kanarratti leenjiftoonni, hoggantoonni Federeeshinii Ispoortii, deeggartoonni Ispoortii, Artiistoonnii fi hayyoonni Ispoortii kan hirmastan ta’uu ragaan Waajjira Sekreetariyaat Preesii Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.