Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin haaromsa biyyaalessaa hidhattoota Shanee karaa nagaan hidhannoo hiikkatan waliin mari’ate

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Komishiniin haaromsa biyyaalessaa hidhattoota Shanee duraanii waamicha mootummaan taasiise fudhachuun karaa nagaan hidhannoo hiikkatan waliin mari’ateera.

Komishinarri Komishinii Haaromsa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan hidhattoota hidhannoo hiikkachuun gara jireenya idileetti deebi’uun ijaarsa nageenyaa fi Diimokiraasii biyyattii keessatti hirmaachuuf murteessan waliin mari’achuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Marichaan hidhattoonni garichaa duraanii kunneen sagantaa haaromsaa komishinichaa keessatti hirmaachuuf waliigaluu isaanii eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.