Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Gamtaa Afrikaa adeemsa hidhattoota duraanii deebisanii ijaaruuf hojjetamu deeggaruu kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Sadaasa 25, 2017 (FBC) – Komishiniin Gamtaa Afrikaa adeemsa hidhattoota duraanii deebisanii ijaaruuf hojjetamu deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Komishiniin Haaromsa biyyaalessaa fi Komishiniin Gamtaa Afrikaa raawwii hojii hidhattoota duraanii deebisaanii dhaabuu fi gara hawaasatti makuurratti mari’ataniiru.

Adeemsicha milkiin xumuruuf gufuulee mudachuu danda’an maksuuf mariin gamticha waliin gaggeeffamuu Komishinarri Komishinii Haaromsa biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun ibsaniiru.

Dandeettii giddugala simannaa guddisuu, qabeenya biyya keessaa fi alaa walitti qabuu fi adeemsa deebisanii dhaabuu saffisiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Naannoo Tigraayitti hanga Baatii Guraandhalaatti hidhattoota duraanii kuma 75 hojii deebisanii dhaabuu xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa akkaataa Waliigaltee Piriitooriyaan deeggarsa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu Bakka Bu’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Jaslaayin Nahiimaanaan mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.