Fana: At a Speed of Life!

Komishiniichi hiriira boruu gaggeeffamuun walqabsiisee daandiiwwan cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)- Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee hiriira boruu mata duree ‘sagaleen keenya bilisummaa keenyaaf’ jedhu gaggeeffamuun walqabsiisee daandiiwwan cufaa ta’an ifoomseera.

Waltajjiin sochii dargaggoota istaadiyeemii magaalaa Finfinnee boruu sa’aatii 12n gaggeeffamuu nagaan akka xumaramuuf qaamoleen  nageenyaa qophii barbaachisaa taasisuun gara hojiitti galuu komishinichii fuula Feesbuukiisaatin ibseera.

Hawaasnis sagantichi nagaan akka xumuramuu qaamolee nageenyaa cina dhaabbachuu akka qabu waamicha dhiyeessera.

Sababa hiriirichaan yeroof dandiiwwan cufaa ta’aaniis:-

Addabaabaayii Uraa’eelii gara addabaabaayii Masqalaatti, Olomiyaadhaa gara addabaabaayii Masqalaatti, kutaa waraanaa 4ffaa gara addabaabaayii Masqalaatti, mana murtii olaanii, Laga Haarii gara addabaabaayii Masqalaatti, Gommaa Quxxabaarra gara addabaabaayii Masqalaatti, kiilo afurii gara addabaabaayii Masqalaatti, Kaazaanchiisii gara addabaabaayii Masqalaatti, Xuqur Anbassaadhaa gara addabaabaayii Masqalaatti, addabaabaayii Teedoriis gara addabaabaayii Masqalaatti, mana daldalaa maxxansaarra gara addabaabaayii Masqalaattii fi meetrooloojiidha gara addabaabaayii Masqalaatti daandiiwwan jiraan boruu ganamaa sa’aatii 12 irraa eegalee konkolaattootaaf cufaa ta’uu komishinichii ibseera.

Hawaasni eeruu laachuu ykn tajaajilaa poolisii wayita barbaaduutti sarara bilbilaa 011-1-11-01-11 ykn sarara bilibilaa bilisa 991 fayyadamuu akka danda’aan waamicha dhiyeessera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.