Fana: At a Speed of Life!

Komishinii marii biyyaalessaatti haalaan fayyadamuun Ityoophiyaa jabduu ijaaruuf carraa ni uuma-Hayyoota

Finfinnee, Eebila 18 2014 (FBC) – Komishinii marii biyyaalessaatti haalaan fayyadamuun Ityoophiyaa jabduu ijaaruuf carraa kan uumu ta’uu hayyoonni ibsaniiru.

Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti barsiisaa fi qorataa saayinsii siyaasaa fi quunnamtii addunyaa kan ta’an obbo Suuraafeel Geetaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, muuxannoo biyyoota biroo kaasuun komishiniin marii biyyaalessaa ibsituu qaroominaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru.

Waltajjiin marii biyyaalessaa kun rakkooleen gama maraa Ityoophiyaa kan itti hiikamanii fi bu’aa guddaan kan irraa argamu ta’uu jalqabbiiwwan adeemsasaa kan argisiisan ta’uu dubbataniiru.

Yuunvarsiitii Goondaritti barsiisaa fi qorataa saayinsii siyaasaa kan ta’an gargaaraan proofeesaraa Andaargaachaw Tasfaahuun gamasaaniin, komishinii marii biyyalessaa hundeessuu qofa osoo hin taane hojii komishinichi hojjetu bu’aa kan buusu ta’uu kaasaniiru.

Marichaan dhimmoota nageenya waaraa fiduu danda’anirratti xiyyeeffachuun hojjechuun bu’aa eegamu fiduuf furtuu ta’uu himaniiru.

Adeemsi isaa jalqabarraa kaasee gaarii taanaan bu’aa eegamu fiduuf rakkisaa ta’uu akka hin dandeenye kaasaniiru.

Komishinichi hojii fooyyee qabu akka hojjetuuf hawaasni deeggaruu akka qabu hayyoonni kunneen dhaamaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.