Komishinichi naannoleefi bulchiinsa magaalotaatti ragaalee qabatamaa argachuuf hojjechuu ibse
Finfinnee, Sadaasa 20, 2015(FBC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Tigraayirraan kan hafe naannoleefi bulchiinsa magaalotaatti argamuun ragaalee qabatamaa argachuuf hojjechuu ibseera.
Hojiilee komishinichi hanga ammaatti hojjete ilaalchisee miseensi komishinichaa Komishinar Yoonaas Adaayeen ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin, komishinichi hundeeffama isaarraa eegalee baatiiwwan salgan darbanitti dhimmoota irratti hojjechaa ture addeessaniiru.
Haaluma kanaan naannoo Tigraayirraan kan hafe naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaatti argamuun ragaalee qabatamaa argachuuf hojjechuu yaadachiisaniiru.
Waraana kaaba biyyattii dabalatee rakkooleen muraasni mudatanis hojiilee karoorfaman hojjetamuu eeraniiru.
Layikuun Alamtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.