Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 23 taasise

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Komishiniin Gumuruukaa naannoo Amaaraatti  lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi qabeenya barbadaa’e deebisanii ijaaruuf  deeggarsa Birrii miiliyoona 23 taasisuu ibsame.

Badii fi shira gareen shororkeessaa ABUT adda diinagdeen qaqqabsiisu fashaleessuuf kimishinichi kutannoon hojjechaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Gumuruukaa Dabalee Qaabataa ibsaniiru.

Lammiileen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an gara qe’ee isaaniitti hanga deebi’anittii fi dhaabbileen barbadaa’an gara tajaajila kennuutti hanga galanitti deeggarsi komishinichi taasisu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaa gamasaaniin,  naannichatti miidhaan namaa fi qabeenyarra ga’e maalittu shallagamuu kan hin danda’amnee fi yeroo gabaabaa keessatti deebisuun ulfaataa ta’uu kaasaniiru.

Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebisuu fi qabeenya bade bakkatti deebisuuf hundi ga’ee mataasaa akka ba’atu waamicha taasisuu ragaan Komishinii Gumuruukaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.