Komishinichi hojii hirmaattota marii Biyyaalessaa adda baasuu hojjetaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa naannolee 4fi magaalaa 1 keessatti hojii hirmaattota marii Biyyaalessaa adda baasuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannolee Gaambeellaa, Sidaamaa, uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa, Hararii fi magaalaa Dirree Dhawaatti hojii hirmaattota marii Biyyaalessaa adda baasuu hojjetaa jiraachuu ibseera.
Komishinichi sadarkaa aanaatti gadi bu’uun qaamolee hawaasa bakka bu’uun marii biyyaalessaarratti qooda fudhatan hojii adda baasuu eegaluu ta’uu Komishinarri komishinii marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aarayaan himaniiruu.
Marii kana keessatti dubartoota,dargaggoota,waldaalee afooshaa,waldaalee barsiisotaa, hawaasa daldalaa fi buqqaatotni kan hirmaatan ta’uu eeraniiru.
Akkasumas waldaaleen Siiviikii,paartileen siyaasaa,waldaaleen barsiisotaa,abbootiin amantaa,waldaaleen afooshaa qindeessitoota ta’uun kan hirmaataan yoo ta’u, hojiin hojjetamu komishinichaan hogganama jedhan.
Aanaa tokkorraa namoonni 450 hanga 500 kan hirmaatan yoo ta’u, godinaalee 80 waltajjii marii kan qophaa’uu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.