Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi hawaasni wayita ayyaana kabaju balaarraa akka of eegu yaadachiise

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Hawaasni ayyaana jijjiirraa baraafi ayyaanota biro wayita kabaju balaarraa akka of eegu komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Abidaa magaalaa Finfinnee yaadachiise.

Komishinarri Komishinichaa Fissahaa Gaarradoon turtii Faanaa Broodkaastiing Koprporeet waliin taasisaniin, hawaasni wayita qophii ayyaanaa taasisutti balaan ibiddaa ofeeggannoo dhabuurraan uumamuu akka malu ibsaniiru.

Kanaaf hawaasni wayita qophii taasisutti dhimmoonni balaaf sababa ta’uu danda’an jiraachuu dhabuu isaa mirkaneeffachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Nyaata erga qopheessaniin booda maddeen anniisaa nyaata qopheessuuf itti fayyadaman haala balaa geessisuu hin dandeenyerra ta’uusaanii mirkaneeffachuu qabu jedhan.

Komishinichi balaa uumamuu malu hir’isuuf qophii barbaachisaa xumuruu ibsaniiru.

Yohaannis Darribawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.