Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi gamoo Birrii miiliyoona 500’n Kombolchaatti ijaarsise eebbisiise

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC)- Komishiniin Gumurukaa Gamoo tajaajila biiroo Birrii miiliyoona 500’n Magaalaa Kombolchaatti ijaarsise eebbisiiseera.

Sirna eebba gamichaarratti Ministirri Ministeera Galiiwwanii Ayinaalem Nuguseen akka jedhanitti qixa diinagdeen galii maddisiisuun galii sirnaan walitti qabuun bu’aa galmeessaa jira.

Baatiiwwan shanan darban galii Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 80 walitti qabuun akka danda’ame himaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun galii guddisuu fi gaaffiilee bulchiinsa gaarii ummataa sadarkaan deebisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Dameewwan gumurukaa biyyattiitti argaman cimsuu fi deeggaruun guddina hunda galeessaa Itiyoophiyaaf gahee isaanii akka bahatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataan gama isaaniin, badhaadhinaa fi guddina hunda galeessaa mirkaneessuuf komishinichi gahee isaa bahachuuf hojjechaa jira jedhan.

Hojmaata komishinichaa ammayyeessuuf teeknooloojiin gurmeessuu, tajaajila saffisaa dijitaalawaa kennuuf xiyyeeffannaa kennuun sochii taasisaa jiraachuus himaniiru.

Kun ammoo hojmaata seeraan alaa fi kontiroobaandii ittisuun sirni daldalaa seera qabeessi akka jiraatuuf kan tumsu ta’u hubachiisaniiru.

Allebbaachoo Abaateetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.