Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi dandeetii dhaabbatummaa cimsuun bu’aa galmeesseera-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)-Komishiniin naamusaa Fi Inispeekshinii Paartii Badhaadhinaa Dandeetti dhaabbatummaa cimsuun bu’aa galmeessuu Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Waajjiira Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Gamaaggamni raawwii bara baajataa 2016 paartichaa gaggeeffamaa ture xumurameera.

Waltajjicharratti gabasni karoora bara baajataa 2016 komishinii Gurmaa’iinsa Bulchiinsa Magaalotaa fi Federaalaa, akkasumas karooraa bara 2017 dhiyaachuun irratti mari’atamuun ibsameera.

Walitti Qabduun Komishinichaa Salaamawwiitti Daawwit, walitti qabdoota komishinii dhaabbilee Federaalaa, bulchiinsa magaalotaa fi naannolee waliin waliigaltee karoora bara 2017 mallatteessaniiru.

Obbo Adam Faaraah Waltajjicharratti bara baajataa 2016 komishiniin naamusaa fi inispeekshinii paartichaa bu’aa qabeessaa ta’uu kaasanii, caasaa paartii cimaa uumuu, komishinichi hoggantootaa fi misoonsota hunda biratti socho’uun hojjechuu fi qajeelfamoonni amanuu, deeggaruu fi hojiirra oolchuu fa’aan milkaa’ina komishinichaaf sababoota gumaachan ta’uu ubbataniiru.

Bara baajataa 2017’ttis komishinichi, “Inispeekshinii cimaa, paartii cimaaf” mata duree jedhuun sosochiin eegale, qulqullinni siyaasaa partichaa akka mirkanaa’u, naamusni akka fooyya’u, hojmaanni akka eegaman, gurmaa’inaaleen paartichaa sadarkaan jiran akka cimaan, akkasumas qabeenya paartichaa irratti inispeekshiniin taasifamu cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.