Fana: At a Speed of Life!

Komishinaroonni Poolisii Federaalaa, Naannolee fi bulchiinsa magaalotaa karoora biyyaalessaarratti mari’atan

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Komishinaroonni Poolisii Federaalaa, Naannolee fi bulchiinsa magaalotaa karoora nageenya biyyaalessaa bara 2017 irratti mari’ataniiru.

Nageenya waaressuu, yakka ittisuu fi qorannoo yakkaa dabalatee dhimmoota ijoorratti mari’achuu ibsameera.

Riifoormiin Poolisii karaa guutuun hojiirra oolaa jiraachuu gamaaggamichaan ka’eera.

Yeroo itti aanus dandeetti raayyichaa guddisuu fi hariiroo poolisiin hawaasa waliin qabu caalmaatti cimsuun tajaajila fooyya’aa kennuuf kan hojjetamu ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.