Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Mitikkuu Kaasaan mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Guyyaa kaleessaa malaammaltummaan shakkamanii to’annoo seeraa jala kan oolan Komishinarri Komishinii Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan mana murtiitti dhiyaatan.

Shakkamaa 1ffaan Komishinar Mitikkuu Kaasaa fi shakkamaa 2ffaan ilmisaanii Iyyaasuu Mitikkuun guyyaa har’aa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha 1ffaa Ramaddii Araadaatti dhiyaataniiru.

Poolisiin ragaalee shakkamtoota kanneen irratti walitti qabe mana murtichaaf dhiyeesseera.

Jecha namoota raga ba’an 10 fudhachuuf, sanadoota waajjiraalee komishinichaa federaalaa fi naannolee oodiit gochuuf akkasumas sanadoota sakkatta’iinsaan argaman fi maallaqa biyya alaa maddi isaa hin beekamne qulqulleeffachuufi qorannoo taasisuuf yeroon qorannoo guyyaan 14 akka laatamuuf poolisiin gaafateera.

Yeroo ammaa dhimma wabiirratti qaamoleen bitaafi mirgaa falmii gochaa jiru.

Balaay Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.