Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Laliseen Ityoophiyaatti Konsulara Daldalaa Embaasii Turki waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC)- Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen Ityoophiyaatti Konsulara Embaasii Turkii Xaahaa Alpireen waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ityoophiyaa fi Turkii waliin hojjechuuf haalota dandeessisan, carraalee fi filmaata Invastimantii jiranirratti mari’atan.

Konsularichi gama isaaniin, biyyoota lameen hariiroo gama Invastimantii fi daldalaan jiru cimsuuf Abbootti qabeenya Turkii gara Ityoophiyaatti afeeruun akka hirmaatan taasisuuf waada galuu isaani ragaan Komishinii Invastimantiirra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.