Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Lalisee Nameen Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Baangilaadish waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015(FBC)- Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Baangilaadish Naazruul Islaamaan waliin mari’ataniiru.

Maricharratti abbootiin qabeenyaa Bangilaadish Ityoophiyaatti dameewwan invastimantii Humna Soolaaraa, Moobaayil Baankiingiifi Infoormeeshin Teekinooloojiirratti hirmaachuuf fedhii qaban hirmaachuu eerameera.

Carraafi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa beeksisuun abbootiin qabeenyaa Baangilaadish hojii invastimantii Ityoophiyaarratti akka hirmaataniif hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Naazruul ibsaniiru.

Kana malees hariiroon diinagdee biyyoota lameenii akka guddatuuf qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeruu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii qabiyyee piroojektii isaanirratti Kpomishinar Laliseef ibsa kan taasisan yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti galchuuf kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.