Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Lalisee Nameen hoggantoota dhaabbilee Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 15, 2015(FBC)- Komishinarri Kimishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen Beejiingitti hoggantoota dhaabbilee Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Komishinar Laliseen dhaabbilee Chaayinaa dameewwan indaastirii faarmaasiyuutikaalaa, meeshaalee ijaarsaafi simmintoorratti bobba’an waliin mari’achuu ibsameera.

Turtii hoggantoota dhaabbilee kanneen waliin taasisaniin, Ityoophiyaatti dameewwan invastimantii xiyyeeffannoon kennameef keessaa indaastiriin faarmaasiyuutikaalaa tokko ta’uu eeruun, carraalee invastimantii biyyattiin damichaan qabdurratti ibsa bal’aa taasisuu ibsameera.

Paarkiin Indaastirii Faarmaasiyuutikaalaa Qilinxoo parkii ammayyaa’aafi tajaajila hunda galeessa kan kennu ta’uu ibsuun, paarkichatti abbootiin qabeenyaa bobba’an yeroo gabaabaa keessatti gara oomishaatti akka galaniif haalli mijataan akka uumamu addeessaniiru.

Kana malees abbootii qabeenyaa Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaniif komishinichi deeggarsa barbaachisaa kan kennu ta’uu ibsuusaanii ragaan Chaayinaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis turtii hoggantoota dhaabbilee meeshaalee ijaarsaafi simmintoo biyyattii waliin taasisaniin, sababa sochiin ijaarsaa olaanaan Ityoophiyaa keessa jiruuf indaastirii meeshaalee ijaarsaafi simmintoo fedhiin gabaafi dhiyeessiin wal simuu dhabuu eeruun, dhaabbilee Chaayinaa damicharratti bobba’uu barbaadaniif carraa invastimantii bal’aa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.