Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Dammallaash Gabremikaa’eel Pireezidaantii Itti Aanaa Yuunivarsiitii Poolisii Ummataa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2017 (FBC)-Komishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammalaash Gabremikaa’eel, Pireezidaantii Itti Aanaa Yuunivarsiitii Poolisii Ummataa Chaayinaa Paan Chiipiingin waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa waliin leenjii fi barnootaan keessumaa qorannoo Fooransikiin, oppireeshinii dirooniin, eegumsaa qondaaltota olaanoo mootummaa fi kanneen biroorratti qindoominaan hojjechuuf waliigaluun ibsameera.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa dhufurratti nageenya yaa’ichaa fi keessummootaa mirkaneessuuf ogeeyyii leenjii kennan gara Itiyoophiyaatti akka ergan Paan Chiipiingin waadaa galaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.