Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Dammallaash Gabiramikaa’el pirojektii babal’isa Hospitaala Poolisii daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Dammalaash Gabiramikaa’eel sadarkaa ijaarsa pirojektii babal’isa Hospitaala Poolisii Harariitti ijaaramaa jiru daawwataniiru.

Pirojektii babal’isa hospitaalichaa yeroo qabame keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Dursaan Gaee Mahaandisummaa Biiroo Interpiraayizii Konistiraakshinii Raayyaa Ittisaa Injiinar Heenook Malaakuu ibsaniiru.

Hospitaalichi abbaa darbii 8 yoo ta’u, bakka jireenyaa ogeeyyii fayyaa fi tajaajilaa biroo kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Raawwiin hospitaalichaa %65 irraa qaqqabuu ibsanii, waggaa tokko keessatti xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannaa fi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuu eeruu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.

Gareen Komishinar Dammallaash Gabramikaa’eliin durfamuu humna dafee qaqqabaa Poolisii Bahaan ijaarama jiru kaampii jireenyaa fi biiroos daawwateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.