Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Dabalee Qaabataan badhaasa “Komishinaraa Gumurukaa Filatamaa” argatan

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)- Komishinarri Koomishinii Gumurukaa Ityoophiyaa Dabalee Qaabataan badhaasa “Komishinaraa Gumurukaa Filatamaa” argataniiru.

Teessoon isaa Laandan kan ta’e miidiyaan “African Leadership Magazine” jedhamu yaa’ii 8ffaa Afrikaa magaalattiitti qopheessuu TOI gabaaseera.

Yaa’ichi mata duree “Daldalaa fi invastimantii Afrikaa irraa deebiin walitti hidhuu” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, yaa’ii kanaratti dhaabbatichi Komishinaraa Dabalee Qaabataaf Badhaasaa “Komishinara Gumurukaa Filatamaa” badhaaseera.

Dabalataanis, dhaabbatichi badhaasota hoggansa daldalaa filatamoo Afrikaan hoggantoota garaagaraaf kenneera.

Miidiyaan “African Leadership Magazine” jedhamu qabiyyeewwan ijaarsa maqaa gaarii Afrikaarratti xiyyeeffachuun kan hojjetuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.