Fana: At a Speed of Life!

Komishiiniin Poolisii Oromiyaa poolisoota baatii torbaaf leenjisaa ture eebbbisiise

Finfinnee, Muddee 19, 2012 (FBC) – Komishiiniin Poolisii Oromiyaa poolisoota ogummaa gara garaatiin baatii torbaaf leenjisaa ture eebbbisiise.

 

Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa akka dubbatanitti ummani keenya aarsaa bakka bu’ummaa hin qabne gumaachee injifannoo kana gonfateera jedhan.

 

Obbo Shimallis injifannoo argame kana itti fufsiisuuf humni cimaan nu barbaachisa jedhaniiru.

Fedhii fi faayidaa ummatichaa mirkaneessuuf seeraa fi sirna kabachiisuun akka seeraan alummaan babaldhatee abbaan fedhe namarratti hin murteessineef sirna lafa qabsiisuu qabna, kana dhugoomsuuf warri har’eebbifamtan gahee guddaa qabdu jedhan.

 

Biyya kana keessatti tokkummaan akka dagaaguuf dhiigni dhangala’ee lafeen caccabee jira. Mirga sabaafi sablammootaa eeguun heeraafi seera kabachiisuu qabdu. Biyyi Kun kan ijaaramtee as geesse dhiiga gootaatiin ammas Kan eegamtus eegumsa gootaatiinis jedhan.

 

Gootummaan keessan hojii guyyaa guyyaatiin qorama, gootummaa keessaniin fedhiifi faayidaa ummataa eegsisuu qabdu jedhan.

 

Qabsoo waggaa 150 booda bakka ardha geenye geenyee jirra kanaaf kumaa kitilatu arsaa ta’e, injifannoo qabsoon argame kana tiksuun dhalootatti dabarsuu qabnas jedhaniiru.

 

Injifannoo arganne eeggachaa rakkoolee jiran hiikkachuun fuulduratti tarkaanfachuun gahee dhaloota kanaati kan jedhan obbo Shimallis, ka’umsi keenyaafi galmi keenya ummata keenya yoo ta’ee waanti nuti hin injifanne hin jiru.

 

Waggota dheeraaf boo’aa turre boo’icha keessaa baanee cimnee yoo hojjanne jijjiirama guddaa fiduu dandeenya. Leejiin kun kan xumuraa akka hin taane beektanii ogummaa gara garaatiin of cimsuu qabdu jechuun eebbifamtootaaf dhaamaniiru.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.