Komishiiniin Haaromsa Biyyaalessaa fi Manni Maree Dhaabbilee Waldaalee Sivilii Itoophiyaa waliigaltee mallateessan
Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Komishiiniin Haaromsa Biyyaalessaa fi Manni Maree Dhaabbilee Waldaalee Sivilii Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltichas Komishinarri Komishiinichaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa fi Bakka Buutuun Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Sivilii Itiyoophiyaa Haannaa Waldagabireel mallatteessaniiru.
Dhaabbileen lamaan loltoota duraanii deebisanii dhaabuun gara jireenya idileetti akka deebi’aniif waloon ni hojjetu jedhameera.
Dabalataan, qabeenya walitti qabuu, hubannoo uumuu, odeeffannoo waljijjiruu fi ijaarsa dandeettirratti waliin hojjechuuf akka ta’e beeksisaniiru.
Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa akka himanitti, loltoota duraanii deebisanii dhaabuun gara jireenya idileetti deebisuun hirmaannaa qaama hundaa barbaada.
Haaluma kanaan waliigalteen taasifames jalqabbii gaarii ta’uu himanii, nageenya waaraa fiduuf bu’aan qabus olaanaa ta’uu himanii, hojiirra oolmaa waliigaltichaafis ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Aadde Haannaa Waldagabreel gama isaaniin, hojiin loltoota duraanii gara jireenya idilee isaaniitti deebisuu akka milkaa’uuf manni marichaa gahee isarraa eegamu kan bahatu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.