Fana: At a Speed of Life!

Komiishiniin Poolisii Finfinnee poolisoota leenjii saayinsi poolisii idileen leenjise kuma 3 ol eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC)- Komiishiniin Poolisii Finfinnee poolisoota leenjii saayinsi poolisii idileen leenjisaa ture kuma 3 fi 100 eebbisiiseera.

Poolisoota baatiiwwan 5f gosoota leenjii garaagaraan leenji’an 3100 keessaa 617 dubartoota jedhameera.

Poolisoonni idileen kunneen naannoolee hundarraa kan walitti dhufan yoo ta’u, biyya gootummaan eeguu fi walqixxummaan tajaajiluufis barnoota seera mootummaa kennameef fayyadamuun filannoon biyyaleessaa fulduraa magaalaa Finfinneetti nagaan akka xumuramuuf gahee olaanaa qabu jedhameera.

Sirna eebbichaarratti komiishinii Poolisii Federaalaatti komiishinara itti aanaan damee yakka ittisuu Malaakuu Fantaa argamaniiru.

Komiishinarri komiishinii Poolisii Finfinnee Geetuu Araggaw poolisoota eebbifaman kanneeniif ergaa dabarsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.