Fana: At a Speed of Life!

Komiishinichi magaalichatti boruu sababa eebba proojektiwwaniif daandiiwwan cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Komiishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee boruu Masqaal addabaabaayii fi hanga Mana Qopheessaatti eebba proojektiwwaniif daandiiwwan konkolaattootaaf cufaa ta’an ifoomseera.

Ijaarsa Addabaabaayii Masqaalaa fi Masqaalaa Addabaabaayiidha hanga Mana Qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hojiin babaldhina daandiiwwanii fi midhaaksuu ximuramuun guyyaa borii ni eebbifamu.

Komishiini Poolisii Magaalaa Finfinee sirni eebbicha nagaan akka xumuramuuf qaamolee nageenyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin qindoominaan hojjecha jiraachuu ibseera.

Hanga sirni eebbichaa xumuramuutti daandiiwwan cufaamanis:-

Bataskaana Giyoorgisii, Piyaasaa seensaa Xaaliyaan, addabaabaayii naannoo Sumaaleetti argamuu, addabaabaayii Abuunaa Pheexroos, Gollaa Mikaa’eel, Xuquur Ambassaa,Meetirooloojii, Gommaa Quxxabaa,Meeksiikoo Sangaataraa, Laga Haar, Bunnaannaa Shaayii, Kutaa waraanaa 4ffaa, marfataa Qirqoos, Agoonaa sinimaa,Olompiyaa,addabaabaayii Uraa’eel,marfataa Baambiis, Kaasaanchiis,masjiida Filwuhaa, mana maxxansaa daladalaa, riqichaa Raas Mokonniin daandiwwan kunneen guyyaa boruu sa’aatii 8:00 irra eegalee cufaa waan ta’aniif konkolaachiftoonni daandiiwwan biroo akka fayyadamaan komishinichii ibseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.