Fana: At a Speed of Life!

Komiishinichi irreechi Hora Finfinnee nagaan akka kabajamuuf qamoleen nageenyaa qophii xumuruu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC)- Irreechi Hora Finfinnee guyyaa boruu kabajamu karaa nagaan akka kabajamuuf qamoleen nageenyaa qophii xumuruun gara hojiitti galuu komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee ibseera.

Ayyaana Galateeffannaa, Jaalalaa, Nageenya fi Dhiifamaa ta’ee fi UNISCOtti galmaa’e kana Ityoophiyaattis sadarkaa biyyaalessaatti sagantaa garaagaraatiin kabajuuf qophiin xumuramuu ibsameera.

Ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Poolisii Federaalaa, Oromiyaa fi Magaalaa Finfinnee, Biiroo Nageenyaa fi Tasggabbii magaalichaa akkasumas qaamolee dhimmi isaa ilaallatu irraa koreen garaagaraa hundaa’uun hojiitti galamuu ibsameera.

Ayyaana namoonni hedduun kabajan kana nageenya isaa eeguun akka kabajamuuf qamoleen nageenyaa hundi qophii barbaachisaa ta’e xumuuruun hojiitti galuu Poolisiin magaalichaa Ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.