Fana: At a Speed of Life!

Komiishinichi aanaa Fantaalleetti barattoota barnootaan cimoo ta’anii fi barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyii ta’an deeggare

Finfinnee, Hagayya 10, 2013(FBC)- Komishiniin Invastimantii Oromiyaa hojii tajaajila lammuummaa ganna kanaatin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti barattoota barnootaan cimoo ta’an kanneen yuunvarsiitii seenanii fi barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyii ta’an deeggareera.

Komishinarri komishinii Invastimantii Oromiyaa Dooktar Baayyisaa Badhaadhaa, komishinichi abbootii qabeenyaa Invastimantiirratti bobba’an hirmaachisuun tajaajila lammummaa keessatti qooda fudhataa jira jedhan.

Barattoota kanneeniifis deeggarsa dhaabbataa fi yeroo taasisuusaa jiraachuu himaniiru.

Barattoota shan kanneen yuunvarsiitii seenan dhaabbiidhaan gargaaruuf maallaqa waggaa sadiif isaan barbaachisu walumatti Birrii 250,000 koomishinichaan kan kennameef yoo ta’u, uffanni isaan barbaachisus gumaachameefi jira.

Abbootiin qabeenyaas meeshaalee barnootaa barattoota harka qalleeyyiif kan gumaachan yoo ta’u, kana malees barattoota kanneen keessaa kanneen qabxii olaanaa galmeessuun yuunvarsiitii seenan hanga isaan barnoota xumuranitti gargaaruuf hojjechaas jiru jedhameera.

Abbootiin qabeenyaa kunneen waan qabnuun ummata keenya gargaaruun dirqama keenyadha jedhan.

Barattoonnii fi maatiin barattootaas deeggarsi koomishiniin invastimantii Oromiyaa fi abbootiin qabeenya kunneen barattootaaf taasisan kan isaan gammachiisee ta’uu himuun, deeggarsichi cimee akka itti fufu gaafatan.

Akka OBN gabaaseetti barattoonnii fi maatiin barattootaa qaamolee deeggarsa kana isaaniif taasisaa turaniif sagantaa galateeffannaa kan qopheessan yoo ta’u, keessummootaaf gaala dabalatee badhaasota gara garaa kennuufiin geggeessan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.