Komiin qoodiinsa qabeenyaa fi wal amantaan dhabamuu naannolee gidduutti mul’atu furameera-Obbo Aganyawu Tashaagar
Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Jijjirama hordofee komiin qoodiinsa qabeenyaa fi wal amantaan dhabamuu naannolee gidduutti mul’ataa ture furamuu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar dubbatan.
Manni marichaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojiirra oolmaa walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa haqa qabeessaa federalaarratti mari’ateera.
Maricharratti Obbo Aganyawu Tashaagar, jijjiiramaan dura qooddiinsi qabeenyaa haqa qabeessi naannolee gidduu waan hinturreef, ummatoota gidduutti ka’umsa walitti bu’iinsaa fi wal amantaan dhabamuu ta’aa turuu yaadachiisan.
Ta’us, jijjiiramaan booda sirna hojmaata iftoomina qabuu hordofuun komii fi wal amantaan dhabamuu mul’achaa ture dhabamsiisuun akka danda’ame eeran.
Naannoleen maddeen galii isaanii guutummaatti fayyadamuu fi sirna baasii hir’isuu hordofuun qoodiinsa qabeenyaa bu’aa qabeessaaf gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.