Fana: At a Speed of Life!

Koloneel Yirgaalam Fiqaaduu fi Letanaal Koloneel Tawald Birhaan baqachuuf otuu jiraanii Afaar irratti too’atamuu qorataan poolisii ifoomse

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) –Koloneel Yirgaalam Fiqaaduu fi Letanaal Koloneel Tawald Birhaan baqachuuf otuu jiraanii Afaar irratti too’atamuu qorataan poolisii dhaddachaaf ifoomseera.
Kana kan ibsan miseensi Qorataa yakkaa komishiniin poolisii federaalaa shakkamtoonni wabiidhaan akka gadi dhiifaman mana murtii gaafachuun walqabateeti.
Manni murtii sadarkaa duraa federaalaa ramaddii Araadaa dhaddachi yeroo beellamaa 2ffaa shakkamtoota kana dabalatee dhimma ajajoota raayyaa ittisa biyyaa dame garagaraa irratti ramadamanii hojjechaa tura ilaaleera.
Shakkamtoonni Koloneel Hargoot Barhee, Leetanaal Koloneel Muluu Alamuu, Birgaader Jeneraal Yilmaa Kabbadaa, Koloneel Barakaat Wald’abyazigii, Ajaja Dhibbaa Gabra Goorgiis, Leetanal Koloneel Gidaay Gabra Iyesuus, Shaalaqaa Hasaabuu Mahaammad, Ajaja Dhibbaa Tsahaay Hayluu, Koloneel Yirgaalem Fiqaaduu fi Leetanaal Koloneel Tawald Birhaan fa’i.
Qorataan poolisii Koloneel Yirgaalam Fiqaaduu fi Letanaal Koloneel Tawald Birhaan baqachuuf otuu jiraanii Afaar irratti too’atamuu dhaddachaaf ibsaniiru.
Dhaddachi falmii bitaa fi mirgaa dhaggeeffachuun ajaja laachuuf Muddee 15, 2013 beellama laateera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.