Fana: At a Speed of Life!

Koloneeffannaa harka duubaa hambisuuf Raashiyaa waliin ni qabsoofna – Kiim Joong

Finfinnee, Fulbaana 2, 2016 (FBC) – Koloneeffannaa harka duubaa hambisuuf Raashiyaa waliin kan qabsaa’an ta’uu Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun ibsan.

Kiim Joong Uun Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin mari’ataniiru.

Kooriyaan Kaabaa hariiroo waloo Raashiyaa waliin qabdu caalmaatti kan cimsitu ta’uu Kiim Joong Uun dubbataniiru.

Piyoongiyaang imaammata alaa isheen Mooskoof dursa kan laattu ta’uu eeraniiru.

Raashiyaan birmadummaa ishee kabachiisuuf qabsoo cimaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Kooriyaan Kaabaa murtoo Pireezidaanti Putiin kan kabajdu ta’uu eeruun, waliin taanee bulchiinsa Koloneeffannaa harka duubaa ittisuuf ni qabsoofna jedhan.

Raashiyaan Kooriyaa Kaabaaf deeggarsa Saatalaayitii taasiisuuf qophii ta’uu Pireezidaanti Vilaadmiir Putiin mirkaneessaniiru.

Biyyoonni lamaan yeroo itti aanu dhimmoota waraanaa fi Diinagdeerratti tumsaan kan hojjetan ta’uu ibsuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.