Fana: At a Speed of Life!

Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa qorattoota yakkaa leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Kolleejjii Poolisii Oromiyaatti Wiirtuun Leenjii Tooftaa Loltummaa Awaash Bishoollaa qorattoota yakkaa leenjisaa ture eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti Hooggantoonni Olaanoon Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Kolleejjii Poolisii Oromiyaa argamaniiru.

Ogummaan Qorannaa yakkaa, haqa baasuudhaan riqicha ta’ee Poolisii fi uummata kan walitti fidu ta’uu Daayreektarri koolleejjii Poolisii Oromiyaa Gargaaraa Komishinaraa Gosaayee Kabbadaa dubbataniiru.

Komishiinarri jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Leetenal Jeneraal Dirribaa Makonnin dandeettii raawwachisummaa qorattoota gama hundaan cimsuun tajaajila haqaa mirkaneesuun dhimma murteessaa ta’uu himaniiru.

Harka qulqulluun fi sammuu qulqulluudhaan ummataaf hojjechuu qabnas jedhan.

Eebbifamtoonis hubannoo leenjicha irraa argataniin hawaasa haqaan tajaajiluuf qophii ta’uusaanii dubbachuu ragaan Komishinii Poolisii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.