Fana: At a Speed of Life!

Kolleejjiin Meedikaalaa Nageellee Arsii barattoota 204 eebbisiise

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Hospitaallii Waligalaa fi Kolleejjiin Meedikaala Nageellee Arsii barattoota damee fayyaatiin barsiisaa ture 204 yeroo 2ffaaf eebbisiise.

Sagantaa eebbichaarratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ergaa dabarsaniin, dhaabbilee mootummaas ta’e dhuunfaa keessatti ogeeyyota naamusaa fi ga’umsa qaban horachuuf qulqullina barnoota fayyaa irratti xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachu himan.

Hospitaalichii fi Koolleejjichi tajaajila hawaasummaatiin adda durummaan hojjechaa jirachuunis kan jajjabeeffamudha jedhan.

Qormaatilee waggoota afran darbanii mudatan deeggarsa hawaasaa fi jabeenya namoota barataniitiin darbuun akka danda’amee ibsaniiru.

Abbaan Qabeenyaa fi Pireezidaantiin Kollejjichaa Doktar Guddataa Hinnikkaa, eebbifamtoonni tajajila irratti naamusa guutuuf qulqullinaan akka hojjatan dhaaman.

Koolleejjichi damee fayyaa Anisteezhiyaa barattoota 16 eebbisuun biyyattiitti dhaabbata fayyaa dhuunfaa isa jalqabaa ta’eera.

Jamaal Kadiirootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.