Fana: At a Speed of Life!

Kolleejjiin Giloobal Amboo barattoota sagantaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1fi 200 ol eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Kolleejjiin Giloobal Amboo barattoota sagantaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 200 ol eebbisiiseera.

Kolleejjichi barattoota  digrii jalqabaafi gulantaan muummeewwan garaagaraan barsiisaa ture eebbisiiseera

Barattoota guyyaa har’a eebbifaman keessaa 14 Sirreeffamtoota mana amala sirreessaa Godina Shawaa Lixaa yoo ta’an, barattootni 33 bilisaan kanneen barnoota isaanii hordofaa turan ta’uun ibsameera.

Hojii gaggeessaan Kolleejjichaa Obbo Kumalaa Baqqalaa, kolleejjichi yeroo jalqabaaf ogummaa fayyaa digrii jalqabaan barattoota barsiisaa ture eebbisiisuu ibsuun, dadhabbii maatiifi barattootaa caalaatti milkeessuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Obbo Darajjee Baqqalaa diiniin kolleejjii Giloobaal Amboo eebbifamtootaan baga gammaddan jechuun eebbifamtootni ogummaa argattaniin hawaasa keessan haqaan tajaajiluu qabdu jedhaniiru.

Obbo Taakkalliny Yimaamuu itti aanaan bulchaa Godina Shawaa Lixaa gama isaanitiin, eebbifamtootaafi maatii eebbifamtootaan baga gammaddan jechuun kolleejjiin Giloobal diinagdee guddaa baasuun damee barnootaa jajjabeessaa jiraachuu eeruun eebbifamtootni maatii keessan osoo hin baratiin isiin barsiise dhugaan garaa qulqulluun tajaajiluu qabdu jedhan.

Eebbifamtootnis barmusa argataniin lammilee isaanii amanamummaadhaan kan tajaajilan ta’uu dubbachuu isaan ragaan waajjira komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.