Fana: At a Speed of Life!

KNFMO Sirna qabeenya beeksisuu fi galmeessuu gara dijitaalaatti jijjiiruufi

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiya sirna qabeenya beeksisuufi galmeessuu ammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Komishinichi moosaajii (Sooftweerii) qabeenya beeksisuufi galmeessisuu walta’insa Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknoloojii Oromiyaatiin misoomsaa jirurratti qaamolee dhimmichi ilaaluu waliin mari’ateera.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Haqaa fi Nageenyaa Oromiyaa Komishinara Jeneraalaa Kaffaaloo Tafarraa akka jedhanitti teknoloojii ammayyaatti fayyadamuun hojiin gochaa malaammaltummaa ittisuu keessatti dhimma filannoof hindhiyaanneedha jedhan.

Kana milkeessuufis komishinichi qofaa isaa osoo hin taanee qindoomina qaamolee hundaa barbaada. Kanaafuu, hooggansi sadarkaa naannoo hanga aanaatti jru hojii kana ofii dursa amanee fudhachuun hojicha milkeessuuf adda dureen hojjechuu qabas jedhaniiru.

Daayrektarri Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Oromiyaa Obbo Mokonnin Bayyanaas moosaajichi iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessaa, sirna qabiinsa ragaa ammayyeessuun kenniinsa tajaajilaa sadarkaa addunyaan irra geesseetti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru.

Abbaan Taayitichaas, rakkoolee deemsa raawwii hojichaa keessatti muudachuu malu Komishinicha waliin furaa deemuuf qophii ta’uu himuu ragaan kominikeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.