Fana: At a Speed of Life!

KMF fi Baankiin Daashen lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasisan

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Manneen Federaalaa fi Baankiin Daashen lammiilee Godinaa Goofaa Aanaa Gazzee Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasisaniiru.

Hojii Gaggeessaan Ittaannaan Koorporeeshinii Manneen Federaalaa Obbo Haayilabirhaan Zeenaa, koorporeeshinichi lammiilee miidhaman waarinaan dandamachisuuf tattaaffii taasifamuuf deeggarsa Birrii miiliyoona shanii taasisuu ibsan.

Fuuldurattis deeggarsi taasisan cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Pireezidaantii Ittaanaan Baankii Daashin Obbo Xibabuu Solomoon deeggarsicha wayita kennanitti, godinichi miidhamtoota dandamachiisuuf tattaaffii taasisaa jiru dinqisiifatanii, adeemsicha tumsuuf Birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasisuu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Goofaa Injiinar Daagimaawwii Ayyalaan gama isaaniin, dhaabbileen kunneen deeggarsa taasisaniif galateeffatanii, miidhamtootaa fi buqqaatota waarinaan dandamachiisuuf tattaaffiin taasifamu qabeenyaa olaanaa kan gaafatu ta’uun deeggarsichi cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Ibiraahiim Baadiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.