Fana: At a Speed of Life!

Kitaabnii fi dokumantariin, magaalaan Sabbataa eessaa garamitti jedhu eebbifame

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Kitaabnii fi dokumantariin, magaalaan Sabbataa eessaa garamitti jedhu qindeessummaa waajjira kominikeeshinii magaalaa Sabbataan qophaa’ee guyyaa har’a eebbifame.
Seenaa hundeeffama magaalaa Sabbataa dhaloota boruuf gudunfuuf kitaabaa fi dokumantariin, magaalaan Sabbataa eessaa garamitti jedhu qindeessummaa waajjira kominikeeshinii magaalaa Sabbataan qophaa’ee guyyaa har’a eebbifameera.
Kitaabni, Dokumantariinii fi faaruun magaalaan Sabbataa eessaa garamitti akka taate agarsiisu har’a eebbaaf ga’e kun abbootii duraan seenaa keessatti hundeeffama isheerraa eegaluun keessa beekanirraa kan odeeffatame yoo tahu dhaloota har’aa fi boriif hundee kan qabu tahu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa obbo Birhaanuu Baqqalaa himaniiru.
Sirna eebba kitaaba,dokumantarii fi faaruu magaalaa Sabbataa hundeeffama isheerraa eegaluun akeeku kanarratti argamuun haasawaa kan taasisaan Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Getaachoo Baalchaa, eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa calaqqisisuu keessatti dorgomaa kan hinqabne ta’u fi kanneen biroos sochii akkasirraa barachuu akka qaban himaniru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya
https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.