Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni seenaa jireenyaa fi hojiilee Preezdaantii duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomarratti xiyyeeffate eebbifame

Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC) –Kitaabni seenaa jireenyaa fi hojiilee Preezdaantii FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomarratti xiyyeeffate eebbifameera.

Kitaabichi Barreessaa Alaminahi Raggaasan kan qophaa’e yoo ta’uu, ‘Dooktar Mulaatuu Tashoomaa Wiirtuu fi Dippiloomaasii Ityoophiyaa idil addunyaa bara 1949 hanga …’ mata jedhuun qophaa’uu ibsameera.

Sirna eebbicharratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon,Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa fi Dippiloomaatoonni argamaniiru jedhame.

Preezdaantii duraaniirraa muxxannoo fi beekkumsa qooddachuun faayidaa kan qabu ta’uu Preezdaant Saahilawarq ibsaniiru.

Seenaa namoota muuxxannoo kuufatanii fi qoramaata hedduu darbanii barreessuu dhaloonni akka irraa baratu taasiisuu qabna jedhan.

Dhaabbanni ‘Giddugala Invastimant Neet Wark’ jedhamu Dooktar Mulaatuu Tashoomaan hundeessan waltajjicharratti ifoomuu ibsameera.

Giddugalichi tattaaffii gama Invastimantiin jiru deeggaruu fi hanqinaalee jiran guutuuf kan hojjetu ta’uu Dooktar Mulaatuu Tashoomaan dubbataniiru.

Dooktar Mulaatuu Tashoomaan kana dura Invastimantiin biyyattii akka milkaa’uu hojjechaa turuu fi ammas deeggarsa taasiisaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Komishinar Leellisee Namee ibsuu isaanii EBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.