Kitaabni “Qabsoofi Wareegama Oromoo Tuulamaa (1270-1992)” eebbifame
Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)- Kitaabni mata duree “Qabsoo fi Wareegama Oromoo Tuulamaa (1270-1992)” jedhuun barreeffame ebbifame.
Kitaabichi Barsiisaa Mallasaa Ijaaraa fi Darriboo Taammireen kan barreeffame yoo ta’u, qabsoofi wareegama Oromoon Tuulamaa taasisaa ture kan argisiisuudha jedhameera.
Barreessitoonni kitaabichaa akka jedhanitti, kitaaba kana barreessuuf kitaabota, barreeffamoota qorannoo, maanguddootaa fi afseena fayyadamuun gadi fageenyaan xiinxaluun barreessaniiru.
Barsiisaa fi Barreessaa Dooktar Asafaa Tafarraa Dibaabaa yaada kennaniin, kitaabni kun qabsoo fi wareegama Oromoo Tuulamaa sirriitti kan agarsiisuudha jedhan.
Sagantaa Eebba kitaabichaarratti hayyoonni dhaabbilee barnoota olaanoo, barreessitoonni, barsiisonni seenaa fi qaamoleen garaagaraa argamaniiru.
Dabalee Gaarradootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia