Kitaabni Odaa Aartii Oromoo eebbifame
Finfinnee, Hagayya 14, 2015 (FBC) – Kitaabni mata dureen isaa odaa Aartii oromoo jedhu Hoteela Intarnaashinaalii Ililliitti eebbifamuun dubbiftoota bira gaheera.
Kitaabichi seenaa Abdii Qophee(Abdii Mohaammad Yuusuf) irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, barreessitoota Tuujii Abrahaamifi Sooraa Ammeetin kan barraa’edha.
Kaayyoon Kitaabichaas Abdii Qophee seenaa qabsoo oromoo keessaatti gama Aartitiin taasiseefi aarsaa inni kanfale dhaloonni har’aas irraa akka barataniif kan gargaaru ta’uun ibsameera.
Sirna eebba kitaabichaa irratti Maatii Abdii Qophee dabalatee keessummoonni garaagaraas argamaniiru.
Mulugeetaa Girmaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.