Kitaabni murtoowwaan Mana Maree Ministiroota qabate ifoome
Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) – Kitaabni murtoowwan Mana Maree Ministiroota bara 2010 -2015 tti dabarsan of keessatti qabate ifoomeera.
Manni Maree Ministirootaa gamaaggama raawwii hoji guyyoota100 seektarootaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gadii fageenyaan gamaaggamuu eegaleera.
Gamaaggamicha cinaatti kitaaba murtoowwaan manni marichaa bara 2010 -2015 dabarse qabate ifoomseera.
Kitaabichi murtoowwaan ummataa waggoottan kanneenii bal’inaan kan ibsu ta’uu ragaan Waajjira Ministeera Muummeerra argame ni mul’isa.
Koppiin kitaabicha dhaabbiilee Federaalaa fi Naannoof kan qoodaman yoo ta’uu, kanneen odeeffannicha barbaadaaniif ammoo fuulaa waajjira Ministeera Muummeerratti kan fee’amuu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia