Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni jalqabaa dubartoota Afrikaa nageenyaaf gumaacha olaanaa gumaachaniif beekkamtii laatu eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2012 (FBC) – Kitaabni jalqabaa dubartoota Afrikaa nageenyaaf gumaacha olaanaa gumaachaniif beekkamtii laatu eebbifame.
 
Kitaabichi barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guteereezii fi itti aanaa dura taa’aa komishiini gamtaa Afrikaa Koorteey Toomaasiin ifatti eebbifameera.
 
Gamtaan Afrikaa fi dhaabbanni mootummoota gamtoomanii waliin ta’uun kan maxxansiisaan yoo ta’u, mata duree ‘dubartiin nageenyaaf kaate, imala waggoota 20’ jedhuun maxxanfame.
 
Murtee manni maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii bara Faranjootaa 2000 raggasise waggaa 20ffaa yaadachuuf kan maxxanfameedha jedhame.
 
Yaadni murtee kun dubartoota sadarkaa idil addunyaatti nageenyaa fi tasgabbiif gumaacha taasisaniif beekkamtii laachuu fi eeggumsa barbaachisuu akka godhamuuf seera ba’e ture.
 
Seenaan barreeffame dubartoota Afrikaa nageenya kabachiisuu fi ijaarsa nageenyaarratti hojjechaa jiraniif hamiilee fi ciminaan akka hojjetaniif kan jajjabeessudha jedhame.
 
Sirna eebbaa kanarratti hoggantoonni biyyoota Afrikaa, dippiloomaatoonni, deeggartoonni misoomaa fi keessummoonni kabajaa waamichi godhameef argamaniiru.
 
 
Maddi:-TOI
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.