Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni “Hambaa Abbaa” eebbifame

Finfinnee, Hagayya 7, 2015(FBC)- Kitaabni Aarsaa Shinniggaa fi Seenaa gootota 11 qabate Ambotti eebbifameera.

Kitaabichi mata duree “Hambaa Abbaa” jedhuun boqonnaa 4`tti qoodamee kan barreeffame yoo ta’u, Seenaa gootota Oromoo 11 fi Aarsaa Shinniggaatti kaffalame qorachuun kan barreeffame ta’uun ibsameera.

Barreessaan kitaabichaa Barsiisaa Tasfaayee Dhaabaan, qabiyyee kitaabichaa fi bu’aa bayii qabsoo keessatti isaan muudate yaadachiisuun, kaayyoo Kitaaba “Hambaa Abbaa” Ittiin barreessaan hubachiisaniiru.

Barsiisaa Afaanii fi Og-Barruu Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Qulqulluu Ijoo, dhaloonni kitaaba seenaa akkanaa qabuuf bakka akka laatu dhaaman.

Teeknooloojii ammayyaa qofaan sammuun dhalootaa akka hindagaagne kaasanii, dubbisuu fi aadaa qoratee hojjachuu, barreessuu fi dubbisuu qaba jechuu ragaan Kominikeshinii Magaalaa Amboorraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.