Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni “Dhalee” eebbifame

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC)- Kitaabni mata duree ” Dhalee” jedhuun Dooktar Ayyaalaa Kabbadaatiin barreeffame eebbifameera.

Sirna eebba kitaabichaarratti Ministir Deetaan Ministira Barnootaa Kooraa Xushuunee fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Kitaabichi asoosama kalaqaa jiruu fi jireenya dhala nama, aadaa, amantaa, falaasamaa fi muuxannoo hawaasaa irratti xiyyeeffatu yoo ta’u, seenaan jireenya barreessichaas keessatti hammatamuun himameera.

Kitaabichi kutaalee guguddoo 4 fi boqonnaa 31 kan qabu ta’uun ibsameera.

Barreessan kitaabichaa Dooktar Ayyaalaa Kabbadaan, Yuunaayitiid Kiingidam Yuunivarsiitii Yokkitti Pirofeesara Gargaaraa Ogbarruu Afrikaa ta’uun tajaajila jiru.

Hawwii Fiqaaduutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.