Fana: At a Speed of Life!

Kitaabileen miliyoonni 3.5 ol Godinaaleefi Magaalotaaf raabsame – BBO

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Kitaabileen miliyoonni 3.5 ol Godinaaleefi Magaalotaaf raabsamuu Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa beeksiise.

Kitaabileen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa gosa barnootaa hundaa hanga har’aatti miiliyoonni 3.5 ol ta’u Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaatiif raabsamuu biirichi himeera.

Kitaabileen Sirna Barnootaa Haaraa maxxanfaman kunniin yeroo gabaabaa keessatti harka barattoota akka ga’an xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Ministeerri Barnootaa kitaabilee maxxanfamanii gara biyya keessaa galan miiliyoona 10.6 keessaa miiliyoona 5 ol Naannoo Oromiyaaf kennuu eerameera.

Kitaabileen gara biyya keessaa gala jiran miiliyoonni 10 ol ta’an akkuma biyya keessa ga’aniin kan raabsamu ta’uu ragaan BBO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.