Fana: At a Speed of Life!

Kirooshiyaan Biraaziliin Injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)- Kirooshiyaan rukuttaa adda ba’iinsaa 4 fi 2’n Biraaziliin injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte.

Tapha Waancaa Addunyaa 22ffa tapha nuusa xumuraa har’a gaggeeffamuu eegaleen, tapha Biraazilii fi Kirooshiyaa gidduutti taphatameen rukuttaa adda bahiinsaan Kirooshiyaan injifachuu dandeesseetti.

Daqiiqaawwan 90’n jalqabaa keessatti gareen lamaanuu goolii walirratti lakkoofsisuu baatanis, daqiiqaa 30 dabalamee, daqiiqaa 105ffaa irratti Neeymaar goolii tokko Biraaziiliif, Peetkooviik daqiiqaa 116ffarratti Kirooshiyaaf goolii tokko lakkoofsiseera.

Ta’us, rukuttaa addaa ba’iinsaa kennameen, Kirooshiyaan 4 fi 2’n Biraaziiliin injifachuun tapha walakkaa xumuraaf yoo dabartu, si’a shan shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa kan taate Biraaziil Waancaa Addunyaa 22ffaa baranaan alaa taateetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.